Your cart is currently empty!
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattotaa fi Motorsaayikiloota gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/ Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada
Kallacha Oromiyaa(Sep 18, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Beeksisa Caal-baasii Ifaa Gurgurtaa Lakk. 03/2018
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattotaa fi Motorsaayikiloota gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/ Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada. Kanaaf:- dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee hanga Onkoloolessa 11,Bara 2018tti sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmuu ta’u:-
1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidetaa, Hospitaalaa Baalchaa duuba/Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa fuuldura Gamoo Caffee Aannanii, Daarektoreetii Bittaa, Faayinaansii fi Bulchinsa Qabeenyaa Ejensichaa Darbii 3a (3rd Floor) Biiroo Lakk-03 dhihaachuun Qarshii 300.00/dhibba sadii//kan hin deebine kaffaluun sanadicha Darbii 3ffaa (3rd Floor)Daareektoreetii Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyaa Biiroo Lakk-02 irraa fudhachuu dandeessu.
2. Sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa’a 2:30-6:30 fi sa’a booda 7:30-10:30 tti qofa dha.
3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Onkoloolessa 11,Bara 2018tti guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa’a 2:30-6:30 fi sa’a booda 7:30-11:00 tti qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakka qabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaaluu ni dandeessu
4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee hanga Onkoloolessa 12, Bara 2018tti sa’aa 5:00 W.D poostaa (envelop) saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caalbaasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.
5. Caalbaasichi Onkoloolessa 12, Bara 2018tti Sa’aa 5:00 W.D tticufamuun guyyuma sana sa’aa 5:15 W.D bakka dorgomtoonni ykn.bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama.
6. Dorgomtoonni gatii Ka’umsa Sanada Caalbaasii irraa dhibbeentaa digdama (20%) kabachiisa Wabil caalbaasii C.P.O baankiin Mirkanaa’e Maqaa Mana Hojii Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa’e keessa galchuun dhiyeessuu qabu.
7. Manni hojichas filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eeggamedha. CPO Hojjechiisunf
Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency Fifnfinnee
የኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግት የመንግስት ግዥና ንብረት ማስወገድ ኤጀንሲ
Odeeffannoo dabalataa Lakk Bilbiluun 011-1 834 0636’n bilbiluun hubachuun ni danda’ama Finfinnee
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa