R/himataan Sooressaa Onnataa fi R/himatamtoonni 1 ffaa Waldaa Sharikummaa Tajaajila Mana Nyaataa fi Dhugaatii, 2ffaa Guutaa Daggafaa, 3ffaa Misgaanuu Injiguu gidduu falmii Raawwii Hariiroo hawaasaa jiru ilaalchiseea mana nyaataa kanaa kurguruu barbaaduu. – test3.diretenders.com

R/himataan Sooressaa Onnataa fi R/himatamtoonni 1 ffaa Waldaa Sharikummaa Tajaajila Mana Nyaataa fi Dhugaatii, 2ffaa Guutaa Daggafaa, 3ffaa Misgaanuu Injiguu gidduu falmii Raawwii Hariiroo hawaasaa jiru ilaalchiseea mana nyaataa kanaa kurguruu barbaaduu.


Kallacha Oromiyaa (Jul 23, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa

R/himataan Sooressaa Onnataa fi R/himatamtoonni 1 ffaa Waldaa Sharikummaa Tajaajila Mana Nyaataa fi Dhugaatii, 2ffaa Guutaa Daggafaa, 3ffaa Misgaanuu Injiguu gidduu falmii Raawwii Hariiroo hawaasaa jiru ilaalchisee; 1ffaa Saanduqa biiraa garaagaraa 50 gatiin tokkoo qarshii kuma tokko 1,000 x 50= 50,000 (kuma shantama), 2faa Saanduqa gosa Kookaa fi Peepsii 10 gatiin tokkoo qarshii dhibba sagal 900 x 10-9,000 (kuma sagal), 3ffaa Araqee Faranjii saanduqa 4 gatiin tokkoo qarshii kuma tokkoo fi dhibba tokko 1100 x 4 = 4,400 (kuma afurii fi dhibba afur), 4ffaa Waayinii garaagaraa saanduqa 6 gatiin tokkoo qarshii kuma tokko 1000 x 6 6,000 (kuma jaha) ykn firee 152 gatiin tokkoo qarshii 200 x 152 30,400 (kuma soddomaa fi dhibba afur), 5ffaa Firiijii dhaabbii tokko qarshii 30,000 (kuma soddoma), 6ffaa Firiijii Dalgee 1 gatiin isaa qarshii 120,000 (kuma dhibba tokkoofi digdama), 7ffaa Madaala Foonii 1 gatiin qarshii 6,000 (kuma jaha), 8ffaa Tiriiwwan mana nyaataa 27 gatiin tokkoo qarshii dhibba sadiifi shantama 27 x350 9,450 (kuma sagalii fi dhibba afuriif shantama), 9ffaa Distiiwwan sibiilaa 5 gatiin tokkoo qarshii 4,500 x5= =22,500 (kuma digdamii lamaafi dhibba shan), 10ffaa Uffata qorraa hojjattootaa 5 gatiin tokkoo qarshii 1,500 x 5=7,500 (kuma torbaafi dhibba shan), 11ffaa Firaashii hojjattootaa 4 gatiin tokkoo qarshii 3,000 x 4= 12,000 (kuma kudha lama), 12aa Maashina Bunaa tokko qarshii 4,000 (kuma afur), 13 Maashina Qullubbii 1 gatiin tokkoo qarshii 3,000 (kuma sadi), 14a Ispiikarii ykn sagalee guddistuu 1 gatiin tokkoo qarshii 12,000 (kuma kudha lama) ka’uumsa caalbaasii godhachuun gaafa 24/11/2018 sa’aatii 3:00 hanga 6:30’tti bakka meeshaan kun itti argamu Kutaa Magaalaa Furii Aanaa Muudaa Furii keessatti caalbaasii ifa ta’een waan gurguramuuf namoonni bitachuuf fedhii qabdan dhiyaattanii dorgomuudhaan bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.

Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar.