Addis Zemen (Oct 20, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Gurgurtaa
Baargamoo Lakk. 01/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa Baargamoo Naan- noo Zoonii Anfoo Guddinaa iddoo addaa Anfoo gibbii /Manni barumsaa bu’uura boruu ijaaramaa jirutti argamu caal-baasii Ifaan gurguruu barbaada.
- Dorgomtootni Eeyyama daldalaa Mukaa/Gudeelcha/ seeraa qabeessa bara 2019 haaromee fi caalbaasii bara 2019tiif xalayaa caalbaasii irratti hirmaachuu danda’an (Tax Cleaners) Waajjira galiiwwan irraa dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu qabu.
- Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Mooraa ykn Dallaa Bulchiinsa Aanaa Malkaa Gafarsaa keessatti argamu Waajjira Galiiwwanii Aanaa Malkaa Gafarsaatti Qar.2,000.00 (kuma lama) qarshii hindeebine kaffaluun sanada caalbaasii bitachuun gaafa guyyaa beeksifni kun ba’ee irraa eegalee guyyoota hojii 15(kudha shan) sa’aa hojii mootummaa 2:30-6:30tti akkasumas sa’aa booda 7:30-11:30 ta’ee gaafa guyyaa 16ffaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa lakkoofsa 19tti Sanada caalbaasii dhiyeessa gatii keessan poostaa cuqqalameen ykn samsameen koppii fi orijjiinala tokko tokkoo poostaa qofa qofaan samsuun sanduuqa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaan qophaa’e keessa galchuu qabdu.
- Sanduuqni caalbasicha guyyoota hojii 15f (kudha shan) banaa ta’ee turuun gaafa guyyaa 16ffaa (kudha jahaffaa) sa’aa 3:30 irratti cufamee sa’aa 3:45 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni isaanii argamanitti sirna baniinsa caalbaasicha irratti hirmatanii xalayaa bakka bu’insa seeraa qabeessa ta’e qabatanii argamaanitti Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa lakkoofsa 19 ykn bakka kutaan mijaa’eetti ni banama.
- Dorgomtootni Kabachiisa Wabummaa caalbaasichaa Qarshii 200,000/ Kuma dhibba lama /sanada caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirkanaa’e maqaa waajjirichaan /Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaan caqaasuun qabsisuu qabu, akkasumas dorgomaan mo’ate mana hojicha waliin waliigaltee mallatteessuu dirqama qaba.
- Dorgomtootni caalbaasicha Mo’atan waliigaltee raawwatan guyyaa lama/2/ keessatti baargamoo kaasuu qabu.
- Waajjirichi karaa fooyya’aa yoo argatee guutumaa guututti ykn gar-tok- keen haquuf mirga qaba.
Bakka Itti Argamnu: Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Gafarsaa.
Fageenyi Aanaa Keenyaa Magaalaa Finfinnee irraa KM 16.5
Lakk.Bilbilaa.09 08 36 95 41/ 09 11 04 68 17/ 09 13 35 52 50
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa
Malkaa Noonnootti Waajjira Maallaqaa Aanaa
Malkaa Gafarsaa