Kallacha Oromiyaa (Oct 29, 2026)
Beeksisa Caalbaasii
R/himataa Obbo Kifilee Taaddasaafi R/himatamaa Obbo Garramuu Taaffasaa gidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee raawwiin himatamaan qarshii isaan irratti murtaa’e,kan hin kaffalin hafan kaffalchiisuuf qabeenya R/himatamaa 1ffaa Soofaa Guutuu lama gatiin ka’umsaa caalbaasii qarshii 13,000, 2ffa firaashii sadii gatiin tokkoo qarshii 2100 firaashii sadii gatiin ka’umsaa qarshii 6300,3ffaa firijii grand tokko gatiin ka’uumsaa qarshii 15000, 4ffaa tiivii inchii 32 tokko gatiin ka’uumsaa 16000, 5ffaa teessoo soofaa tokko gatiin ka’umsaa qarshii 3500, 6ffaa oviinii istoovii tokkoo gatii ka’umsaa qarshii 8000, 7ffaa maashina uffata miiccu tokko gatii ka’umsaa qarshii 10,000, 8ffaa sirree abbaa seentimeetira 120 baayyini lama gatii ka’umsaa qarshii 9000n gaafa guyyaa 28/02/2019 sa’aatii 3:00 – 6:00tti caalbaasii ifaan waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan gatii ka’umsa caalbaasii 1/4 CPO qabsiisuun bakka meeshaaleen kun itti argamu,mooraa Waajjira Aanaa Tulluu Diimtuutti argamuudhaan dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uufi R/himatamaan dursee idaa isarraa barbaadamu osoo caalbaasiin hin gaggeeffamin kan kaffalu yoo ta’e caalbaasiin bakkuma jirutti kan dhaabbatu ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar