Your cart is currently empty!
Waajjirri Maallaqaa Bul/ M/ Naqamtee sibiila caccaboo adda addaafi gommaa konko- laataa adda addaa qabeenya Mana Qopheessaa Bul/M/Naqamtee kan ta’eefi bakka Istaadiyeemii Wallaggaatti, Garaajii Ihadegii, mooraa Waajjira Kantibaa Bul/Magaalaa Naqamtee fi Qeeraatti argamu caal-baasii ifaan dorgomsiisee gurguruu waan bar- baaduuf dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu
Addis Zemen(Feb 07, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Ifaa dhabamsiisa Meeshalleewwan taajaajilaa ala ta’an
adda addaa Marsaa 2ffaa bara baajetaa 2018
Waajjirri Maallaqaa Bul/ M/ Naqamtee sibiila caccaboo adda addaafi gommaa konko- laataa adda addaa qabeenya Mana Qopheessaa Bul/M/Naqamtee kan ta’eefi bakka Istaadiyeemii Wallaggaatti, Garaajii Ihadegii, mooraa Waajjira Kantibaa Bul/Magaalaa Naqamtee fi Qeeraatti argamu caal-baasii ifaan dorgomsiisee gurguruu waan bar- baaduuf dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaaleen barbaachisan :-
- Heyyama daldalaa kallattiin kan qabuufi kan bara 2018 haareffate.
- Galmaa’ee ragaa TIN No. kan qabu.
- Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii qarshii 30,000.00 (Kuma Soddoma) (CPO) baankii beekamtii qabu irraa Maqaa Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Naqa-mteetiin hojjechiisuun Orijinaala isaa Sanada dorgommii waliin qabsiisee dhiyeef- fachuu qabu.
- Dorgomaan Meeshaaleewwan armaan olitti dhabamsiifaman kana irratti dorgomee mo’ate kana yeroo kennameef keessatti hanga bittaaf isaa eeyyamame kaafachuu kan danda’u ta’uu qaba.
- Dorgomaan Caalbaasii mo’ate meeshaalee sibiilota kukkutuuf gargaaranii lakkoof- tuun ibsaa bakka sana waan hin jirreef jenereetaraafi kan akka humna nama fe’uu baasii mataa isaatiin kan haguugu ta’a.
- Dorgomaan mo’achuun isaa erga ibsamee jalqabee guyyaa 5 (shan) keessatti qaamaan ykn b/u’insa seera qabeessa ta’e qabachuun argamee waliigaltee uumuu qaba.
- Dorgomaan Caalbaasii mo’ate walii galtee erga uumee booda Meeshaaleewwan tajaajilaa ala ta’an irratti dorgomuun mo’ate guyyoota 15 (kudha shan) keessatti hanga gurgurtaaf isaaf eeyyamame kaafachuu danda’uu qaba.
- Dorgomaan sanada caalbaasii qarshii hin deebine 300 (dhibba sadii) Baankii Siinqee Damee Naqamtee lakk. Herrega bankii Maqaa Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetiin banamee jiru 1052230401214 irratti galchuun ragaa baankii (Bank Silip) kennameef gara waajjira Galiiwwan Bul/Magaalaa Naqamteetti geessuun nagahee galiitti erga jijjiiree booda galii gochuu keessaniif nagahee galii siniif kennamu orjinaala isaa qabachuudhaan Waajjira Maallaqaa Bul/ Magaalaa Naqamteetti dhiyeessuun Kutaa Adeemsa Bittaa Darbii 2ffaa Lakk. 3 irraa sanada caalbaasii fudhachuun gatii tokkoo guutuun dorgomuu ni danda’a.
- Dorgomaan caalbaasii dorgomu kamiyyuu caalbaasiin banamee dorgommiif erga dhiyaatee booda caalbaasicha keessaa bahuu hin danda’u.
- Dorgomtoonni Meeshaaleewwan tajaajilaa ala ta’anii dhabamsiifaman kana akkaatuma irra keessatti ibsame kanaan bakka inni jirutti deemanii ilaaluun dorgomuuni danda’u.
- Gatii dorgomaa tokkoo irratti hundaa’uudhaan gatii dhiyeessuun hin danda’amu.
- Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa (bid docement) hundaa irratti mallattoo, teessoofi chaappaa dhaabbata keessanii itti gochuudhaan ulaagaalee ragaalee lakk. 1 fi 2 irratti argamu koppii gochuun qofaatti poostaa tokkoon saamsuudhaan sanada dhiyeessii gatii (Fayinaanshaalii) koppii isaafi orjinaala isaa qofa qofaatti poostaa tokkoon saamsuudhaan chaappaa dhaabbata keessanii irratti gochuun sadan isaa poostaa guddaa tokko keessa galchuun chaappaa dhaabbata keessanii irratti go-chuun saamsitanii dhiyeeffachuun saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessa ganama sa’aatii 2:30 irratti galchuu qabu, sanadni caalbaasii kun yoo akkaataa beeksisa kanarratti ibsameen guutamee yoo dhiyaachuu baateefi akkasumas erga sa’aatiin darbee booda sanadni caalbaasii dhiyaatu fudhatama hin qabu.
- Caalbaasichi guyyaa beeksifni kun Gaazexaa irratti ba’e irraa eegalee guyyoota walitti aanan 15 (kudha shaniif) qilleensa irra kan turu ta’ee; gaafa guyyaa 16ffaa ganama keessaa sa’aatii 2:30 irratti saanduqa galee yeroodhuma sana sa’aatii 2:40 irratti dorgomtoonni qaamaan ykn bakka bu’aan seera qabeessa ta’e bakka argamanitti ni banama, garuu guyyaan baninsa caalbaasii kun Ayyaana Waggaa yoo ta’e guyyaa hojii itti aanu kan banamu ta’a. Dorgomaan ykn bakka bu’aan seeraa yoo argamuu baates sanada caalbaasii banuu hin dhorkisiisu.
- Dorgomaan caalbaasicha gufachiisuuf yaalu kamiyyuu gara fuula duraatti caalbaasii mootummaan baasuu ala ni ta’a.
- Waajjirichi karaa fooyya’aa yoo argate caalbaasicha gartokkoonis ta’e guutummaan guutuutti hambisuuf ykn haquuf mirgi isaa seeraan eegamaadha.
Ibsa dabalataaf Lakk. Bilbilaa: 057 890 1032 bilbiluun gaafachuun ni danda’ama.
Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee
cttx Building and Finishing Materials cttx, cttx Construction and Water Works cttx, cttx Disposal Sale cttx, cttx Other Metals cttx, cttx Other Sales cttx, cttx Sales, cttx Spare Parts and Car Decoration Materials cttx, cttx Steel, cttx Steel Raw Materials and Products cttx, Disposals and Foreclosure cttx, Metals and Aluminium cttx